Charming Po Was

Caressing

The Oromia Caressing tate Government

Charming Po Was



Adama, Amajii7, 2000

Mummichi ministeeraa Federaala Itiyoophiyaa Mallas Zeenaawwii akka jedanitti rakkoolee bu’uuraa horsiisee bultootaa p haala itti fufiinsa qabuun furuufu gargaarsa eegalameootummaan cimsee akkatti fufu ibsan p

Ayyaana horsiisee bultootaa adarkaa biyyaalessaatti yeroo 10ffaaf magaalaa Adaamaatti kabajamerraattizgootota misoomaaorsiisee -bultootaaf badhaasa erga kennan maayessa Obbo Mallas haasawa dhaggeessisaniin hiyyummaafi boodatti hafummaa seenaa taasisuuf hosiise bultoonni sochiilee jalqaban daran cimsanii itti fufuu qabu jedhaniiru.

Obbo Mallas itti dabalaniis, horsiisee bultoonni gootota misoomaa jedhamanii har’a badhaafaman kunneen namoota kanneen biroos misoomaaf kakaasuufi guddinni diinagdee asiin dura eegalame itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf ciminaan hojjechuun isaaniraa eegama jedhaniiru.

Mootummaanis rakkoolee ciccimoo horsiisee bultoonni qaban furuuf gargaarsa gama hundaa waggoottan darban keessa gochaa ture ammas cimsee akka itti fufu Obbo Mallas waadaa seenaniiru.

Horsiisee bultoonni badhaafamanis badhaafni isaanii kenname kun gara fuulduraatti caalmaatti akka hojjetan kan isaan onnachiisu ta’uusaa ibsanii, muuxannoo horatan waljijjiiruudhaan tarsiimoo misoomaa biyyatti dhugoomsuuf ciminaan akka hojjetan waadaa seenaniiru.

Ministeerri Dhimma Federaala Obbo Siraaj Fageessaa wayituma kana haasawa taasisaniin rakkoolee bu’uuraa horsiisee bulaa dhawaataan furuuf carraaqqii ministeerichi taasiseen bu’aa guddaan galmaa’eera jedhan. Itti dabalaniis, sagantaaleen dandeettii horsiisee bultootaa cimsuurratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jiraachuusaa ibsaniiru.


Date:  7/8/2006
Source:  
Title:  Yaa’iin sadaffaa Caffee Oromiyaa magaalaa Adaamaa keessatgti jalqabame

Abbaaduulaa Gammadaa gabaasa raawwannaa hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhiheessan

Yaa’ii idilee sadaffaan Caffee Oromiyaa har’a ganama Magaalaa Adaamaa Galma Caffee Oromiyaa keessatti kan jalqabme eebba maanguddootaatiin yoo ta’u faaruun Oromiyaatiis miseensota Caffeefi Baandii Biiftuu Oromiyaatiin faarfatameera. (Walaloo faaruu kanaas oduu kanaa gadiitti arggattu)

Kabajamoo Dr. Mahammad Hassan, Afyaa’iin Caffee Oromiyaa yaa’ii kana haasawaan ennaa banan akka dubbatanitti, Caffeen Oromiyaa yeroo sadaffaaf filatame bara hojiisaa isa jalqabaa kana keessatti itti gaafatamasaa gahumsaan raawwachuuf ciminaan socho’aa turuusaa ibsaniiru.

Itti’aansaniitiis waajjirri Af-yaa’iifi Caffee Oromiyaa bakka bu’oonni ummataa sadarkaa hundarra jiran dirqama ummatichaan kennameef sirriitti raawwachuu akka dand’aan gchuuf leenjiin adda addaatiin cimsaa turuusaa dubbatanii akkaataan kunis hojii irratti jijjiirama guddaa akka fide ibsan.

Kabajamoo Obbo Abbaaduulaa Gammadaa, pireezidaantin mootummaa Naannoo Oromiyaa raawwannaa hojii mootummaa naannichaa kan bara 1998tti ilaalchisee gabaasa yaa’ii Caffee Oromiyaa kanaaf dhiheessan irratti karoora hojii mootummaa Naannoo Oromiyaa baranaaf qophaa’ee ture haala boonsaan hojjiirra ooluusaa ibsanii jiran. Akkaatuma kanaan hojiilee gurguddoo waggaa kana Oromiyaa keessatti raawwatamaa turan cunfanii yaa’iichaaf dhiheessanii jiran.

Yaa’iin Caffee Oromiyaa Adaamaa keessatti adeemsifamaa jiu kun turtii isaa guyyaa shanii keessatti, karoora mootummaa Naannoo Oromiyaa, Abbaaduulaa Gammadaatiin dhiyaatu irratti mari’atee kan raggaasisu yoo ta’u, gabaasa mana murtii waliigalaa Oromiyaafi gabaasa mana Hojii Odiitii Oromiyaa dhageeffagtee akka mirkaneessu ni abdatama.

Kana malees yaa’ii sadaffaan Caffee Oromiyaa kun wixineewwan labsii adda addaa kan raggaasisu yoo ta’u baajata mootummaa naannichaa kan bara 1999 akka mirkaneessus ni eegama.

Raawwannaa hojii mootummaa naannichaa kan bara 1998tti ilaalchisee gabaasa yaa’ii Caffee Oromiyaa kanaaf Ob. Abbaaduulaa Gammadaa dhiheessan guutuusaa "Media/Articles/Afaan Oromoo" jedhu jalatti arggattu.


Date:  3/6/2006
Source:  
Title:  Finfinneefi Oromummaa

yThe Oromia Caressing tate Governmentw Charming Caressing qThe Oromia Caressing tate Governmentr r Caressing